Waldaan walgargaarsaa Amboofi Naannoo ishee Leenjii Kenne

Posted Date:2023-03-19

Waldaan walgargaarsaa Amboofi Naannoo ishee (WWAN) dubartoota magaalaa Amboo keessa jiraataniifi deeggarsa barbaadaniif leenjii kenne.

Waldichi hojii tola ooltummaa irratti bobba’uun deeggarsa daa’immaniifi dubartootaa irratti akkasumas hojii tola ooltummaa adda addaa irratti bobba’ee kan argamu yemmuu ta’u, guyyaa har’aa dubartoota kanaan dura deeggarsa maallaqaa taasiseef sadiifi dubartoota bifa haaraan deeggarsa taasisuufiif calale sadiif walumaa galatti dubartoota ja’aaf leenjii hojii uumtummaan wal qabatu keneefii jira.

Leenjicha irrattis Waajjirri dhimma dubartootaafi Daa’immanii Magaalaa Amboofi Kutaan Dhimma Dubartootaafi dargaggootaa Kaampaasii Haacaaluu Hundeessaa hirmaachuudhaan waldichaafii dubartoota deeggarsichi taasifameef jajjabeessaniiru.

 

Galata addaa: #Dr_Kefyalew_Tadese, #Ade_Firegenet_Belay #Ade_Sinqinash_Tadese #Hachalu_Hundessa_Campus

ASRA (Ambo and Surrounding Relief Association)

WWAN (Waldaa Walgargaarsaa Amboofi Naannoo Ishee)

Image

Modified By: AMBO AND SURROUNDING RELIEF ASSOCIATION (ASRA), 2023-03-19

Back to Post List