ASRA'n daa’imman deeggarsa barbaadaniif deeggarsa meeshaa taasise

Posted Date:2023-10-21

Waldaan wal gargaarsaa Amboofi Naannoo Ishee daa’imman deeggarsa barbaadaniif deeggarsa meeshaa taasise. Waldichi Magaalaa Amboo keessatti hojii tola ooltummaa adda addaa irratti bobba’uun dubartootaafi daa’imman deeggarsa barbaadaniif marsaa adda addaatiin deeggarsa maallaqaafi meeshaalee taasisaa tureera.

Yeroo ammaa kanas ijoollee deeggarsi isaan barbaachisu (needy children) ta’aniifi hojee leestiroo hojjechuun of deeggaraniif da’oo leestiroo lama hojjechiisuun dabarsee kenneeraaf. Deeggarsa godhe kana cinaattis daa’imman kanaaf hordoffii barbaachisaa gochuudhaan akkaataa isaan barnoota isaanii hordofuu danda’aniifi aadaa qusannoo isaanii gabbifatan irratti duukaa bu’uun hojjechaa jira.

Daa’ima Deeggaruun egeree biyaafi addunyaaf utubaa dhaabuudha. Dubartoota Deeggaruun Maatiifi hawaasa Deeggaruudha.

Namootni hojii kana keessatti gahee qabdan hundi galatoomaa!

 

Facebook Link: ASRA ASRA Ambo and Surrounding Association

Image

Modified By: AMBO AND SURROUNDING RELIEF ASSOCIATION (ASRA), 2023-10-21

Back to Post List