Waldaan walgargaarsa Amboo fi Naannoo Ishee (WWAN) dubartoota harka qalleeyyiif deegarsa mallaqaa yeroo arfafaaf taasise.

Posted Date:2024-06-21

Duudhaalee waldaan walgargaarsaa Amboofi Naannawaa ishee qabu keessa tokko dubartootni utubaa hawaasaa waan ta’aniif hirmaannaafi gaheen isaan hawaas-dinagdee ijaaruu keessatti qaban guddisuun murtessaa ta’uu beekuun gargaarsa barbaachisa ta’ee gochuuniif dirqamadha.
 

Duudhaalee waldaan walgargaarsaa Amboofi Naannawaa ishee qabu keessa tokko dubartootni utubaa hawaasaa waan ta’aniif hirmaannaafi gaheen isaan hawaas-dinagdee ijaaruu keessatti qaban guddisuun murtessaa ta’uu beekuun gargaarsa barbaachisa ta’ee gochuuniif dirqamadha. Kanuma bu’uureffachuudhaan kana dura waldichi magaaala Amboo keessatti dubartoota deeggarsa osoo hin qabaatiin itti gaafatamummaan maatii bulchuu irratti kufee jiru addaa baasuudhaan deeggarsa maallaqaa kan taasiseef yemmuu ta’u dubartoonni kunniinis deeggarsa maallaqaa argatan kanaan jireenya isaanii mo’achuudhaaf hojii adda addaa irratti bobba’uun hojjechaa jiru. Dubartootni kunneen haalaafi bakka jireenyaa isaanii irratti hundaa’uudhaan hojii daldaala gabaa keessa, buddeena tolchanii gurguruufi suuqii irratti bobba’uun jireenya isaanii fooyyessaa akka jiran qabatamaan ni mul’ata.

Kanaaf marsa kanaan dubartoota kudha sadiif tokko tokkoon isaaniif kuma kudhaan kudhaan (10,000) waluma galatti qarshii kuma dhibbaa tokkof soddoma (130,000) dhala malee hojjetanii akka jiruuf jireenya isaani foyyefataniif, bakka itti gaafatamtuun dhimma dubartootaafi hawasumma magaala Amboo argamanitti kennameraaf. Walumagalatti WWAN hanga yoonatti qarshi gara kuma dhibba sadiin oli (300,000) dubartoota harka qalleyyiif dabarseera. Itti dabaluun, WWAN gara fulduraatti deeggarsa dubartootaaf taasisu bal’isuudhaan yoo xiqqaate dubartoota shanatamaaf deeggarsafi hordoffii barbaachisu taasisuuf waldichi karoora qabateera.

 

Image

Modified By: AMBO AND SURROUNDING RELIEF ASSOCIATION (ASRA), 2024-06-21

Back to Post List